Addis zemen Tuesday
March 31, 2026
Beeksisa
Caalbaasii Ifaa 1ffaa
Lakkoofsa
Addaa Bittaa: SCI/CIB/WFG/01/2018
Waajjirri Maallaqaa Godina Qellem
Wallaggaa beeksisa caalbaasii ifaa hojii ijaarsa
Piroojektii Keellaa Fayyaa Waliigalaa Aanaa S/Canqaa Ganda 11 (Site 11) Aanaa keessatti dhaabbata Kontiraakteroota Sadarkaa GC3
fi isaa ol ykn BC3 fi isaa ol Waajjira Fayyaa
Godina Qellem Wallaggaatiif dorgomsiisee kennuu
barbaada.
Ulaagaalee dorgommii akkaataa
armaan gadiitiin ta'a
1. Lammummaan isaa Itoopiyaa kan
ta'e,
2. Haayyama daldalaa haaromee fi
galmeessa daldaalaa kan qabu.
3. Waraqaa ragaa TIN fi VAT kan
qabu.
4. Waraqaa gahumsa ogummaa
sadarkaa GC3 fi isaa ol ykn BC3 fi isaa ol kanhaaromee/haaraa
kan qabu.
5. Waraqaa qulqullinaa kaffaltii
gibiraa kan bara 2018 kan dhiyeeffatu.
6. Waraqaa ragaa galmee
dhiyeessitootaa keessatti galmaahee kan jiru (EGP/ FPPA supplier list).
7. Adabbii bittaa mootummaa irraa
akka hin dhorkamne ragaa kan dhiyeeffatu.
8. Walitti bu insa faayidaa hin
malle argachuu irraa bilisa kan ta'e.
9. Caalbaasiin erga banamee booda
yaada dorgommii dhiyaatee jijjiiruu,gatii fooyyeessuu fi
caalbaasii keessaa of baasuun hin danda'amu.
10.Dorgomaan dokimantii
faayinansiifi teeknikaa haadhoo poostaa kaakii adda addaan
saamsamee dhuma irraatti lamaansaa iddoo tokkotti poostaa tokkoon akkasumas dookimantii faayinaasii fi teeknikaa
waraabbii 1ffaa fi waraabbii 2ffaa kaakii adda
addaan saamsamee booda dhuma irratti hunda isaa
poostaa guddaa tokko keessa kabachiisa caalbaasii waliin kaa'amee gagaan saamsamuun dhiyaachuu qaba.
Hubachiisa: Dookimantiin
faayinaansii tilmaama gatii caccabe (cost break down)
wajjin dhiyaachuu qaba.
11.Poostaan saamsame hundisaa
erga cufamee booda chaaphaa dhaabbataan chaapheffamee
mallattoodhaan kan mirkanaa'e ta'uu qaba.
12. Wabummaa kabachiisa
caalbaasii (CPO) ykn xalayaa haala irratti hin hundoofne(Unconditional)
Qarshii 300,000 (Kuma dhibba sadii) Maqaa Waajjira
Fayyaa Godina Qellem Wallaggaatiin kan guyyaa 120 ol turu baankii irraa kan dhiyeeffatu.
13.Dorgomaan kamiyyuu bakka hojii
kanaa fi hojii kanaan walqabatan (Site Visite) gochuu
dirqama.
14.Dugda poostaa hundaa irratti
:-
- Maqaa piroojektii
- Maqaa abbaa piroojektii
- Maqaa fi teessoo kontiraakteraa
- Maqaa dookimantii poostichi
baatu qabaachuun chaappaa dhaabbatichaan kan mirkanaa'e
ta'uu qaba.
15. Guyyaa sanadi caalbaasii itti
gurguramu guyyaa gaazexaa Addis Zaman irratti
maxxanfamee bahee irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 21 sa'aatii 2:30 hanga 6:30tti waaree dura, sa'aatii 8:00
hanga 11:30 waaree booda ta'ee,
16. Guyyaa sanadni caalbaasii
itti deebi'u guyyaa 22ffaa ta'ee guyyichi ayyaana ykn
sanbatarra yoo oole guyyaa itti aanu hanga saʼaatii 4:00 waaree duraatti qofa ta'a.
17. Guyyaa sanadni caalbaasii
itti saaqamu guyyaadhuma 22ffaa tahee sa’aatii 4:30 waaree
dura kutaa galma xiqqaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee G/Q/Wallaggaa ta'ee bakka dorgomtootnii fi bakka bu'oonni
seeraqabeessa ta'an argamanii fi taajjabdoonni
jiranitti saaqama.
18. Iddoon galmee Waajjira
Maallaqaa G/Q/Wallaggaa ta'ee kutaa bittaa fi bulchiinsa
qabeenyaa lakkoofsa 9.
19. Waajjirichi filannoo biraa
yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaa guututti
haquu danda'a.
20. Bakki caalbaasiin itti cufamu
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee G/Q/ Wallaggaa ta'ee
bakki itti banamus Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee G/Q/Wallaggaa galma xiqqaatti ta'a.
21. Dorgomaan sanada caalbaasii
bitachuuf qarshii hin deebine 5,000 (Kuma shan) akkaawuntii
Siinqee 1051654201215 kan Waajjira Maallaqaa G/Q/ Wallaggaatti kaffalee nagahee seera qabeessa kan dhiyeessu
ta'a.
22. Caalbaasii kana dhaabbanni
mo'ate kaffaltii advance osoo hin eegiin maashinii hojii
kanaaf barbaachiisuufi dhiyeessiiwwan hojichaaf barbaachisan
hunda site galchuun guyyaa caalbaasii mo'atee eegaleeguyyaa kudha shan gidduutti iddoo hojii kanaatti argamuun hojii
kana eegaluuf fedha guutuun waliigaltee
mallatteessuu kan danda'u ta'uu qaba.
Waajjira
Maallaqaa Godina Qellem Wallaggaa